Fana: At a Speed of Life!

Qonnaan bultoota magaalichaaf Paampiwwan Bishaanii fi Tirakteroonni kenname

Finfinnee, Caamsaa 7, 2012 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee qonnaan bultoota magaalicha keessatti argamaniif Paampiwwan bishaanii 200 fi Tiraakteroota 5 gumaachera.
 
Itti aanaa Kaantibaan magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa fi itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee obbo Tasfaayee Baljigee Paampiwwanii fi Tiraakteroota kanneen qonnaan bultootaf laataniiru.
 
Abbootiin qabeenyaa garaagaraas Tiraakteroota dabalataa qonnaan bultoota kanneeniif arjoomaniiru.
 
Magaalaa Finfinnee akka maqaa ishee hawwattuu taasifna yeroo jennu magaalaa qaama hundaaf mijattuu taate taasisuu jechuu keenya jedhan.
 
Magaalaa qonnaan bultoota buqqiftu osoo hin taane magaalaa qonnaan bultoota hammattu ijaaruuf hojjechaa jirra jedhaniiru.
 
Hanqinni oomishaa akka hin muuddanneef humna qonnaan bultootaa jajjabeessuun murteessadha jedhan Injiinar Taakkalaan.
 
Qonna magaalaas guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Injiinar Taakkalaan qonnaan bultoota deeggaruun fedhii oomishaa magaalichaatti dabalaa jiru guutuuf shoora olaanaa qaba jechuu isaanii ragaan Waajjira Kaantibaa magaalichaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.