Fana: At a Speed of Life!

Qormaataaf osoo hin jilbeenfatiin Itiyoophiyaa badhaate ijaaruu itti fufna – Kantibaa Adaanach Abeebee

Finfinnee, Bitootessa 24, 2016 (FBC) – Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen Injifannoo Bitooteessa 24 sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Imala bu’a qabeessa jijjiiramaa kan itti eegalle 6ffaa fi bu’uura Itoophiyummaa kan ta’e ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha waggaa 13ffaaf baga geessan! Baga geenye! Jedhan ergaa isaaniin.
Mahaandisni jijjiiramichaa kabajamoo Muummee Ministeeraa Dooktar Abiyyi Ahimadiin kan hoogganamu humni jijjiiramaa qormaata keessaa fi alaa hedduu keessa ta’ee milkaa’inoota hedduu gonfachuu irratti argama jedhan.
Hidhi haaromsaa boqonnaa xumuraa irra gahuun, Itiyoophiyaan magariisa uffattee Qamadii alaa galchuurraa gara erguutti, magaalaan Finfinneen xiyyeeffannoo argattee piroojaktoonni gurguddoo hedduun ijaaramanii giddugala harkisa idil addunyaa ta’uu eegaluu ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.
Hojiilee nama irratti xiyyeeffataniinis haqa hawaasummaa cimsuu eegalteetti jedhan.
Waadaan gochaan jijjiiramee Itiyoophiyaan obbolummaa sabdaneessummaan faayamtee guddina ishee saffisiisuu kan itti eegalte, uumuu fi kalaquun liqiin ishee hir’achaa mindaan ishee dabalaa biyya dhufte ta’aa jirti.
Qormaataaf osoo hin jilbeenfatiin rakkoolee keenyaan gamatti Itiyoophiyaa badhaate ijaaruuf imala ida’amnee eegalle daangaan gahuuf ciminaan tajaajiluu keenya itti fufna!jedhan.
Humni lafaa dhaabuu kan hin dandeenye imalli badhaadhinaa isiif galee deeggarsa keessan, gammachuu keessan kan ibsattaniif galata koo dhiyeessuun barbaada jedhan Aadde Adaanach ergaa isaaniin.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.