Fana: At a Speed of Life!

Qormaatileen heddumatanis barri 2014 bara milkiin hedduun itti galmaa’eedha – TKM

Finfinnee, Hagayya 24, 2014 (FBC) – Qormaatileen heddumatanis barri 2014 bara milkiin hedduun itti galmaa’e ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.
Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa raawwii bara hojii darbee fi karoora bara 2015 ilaalchisee ibsa laateera.
Bara 2014 keessa shira fi Weerara ABUT fi ergamtoota isaa fashaleessuun danda’amuu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Kabbaddaa Deessisaan ibsa laataniin himaniiru.
Hojiilee Misoomaa damee hundaan bu’aa jajjabeessan argamuu eeraniiru.
Sagantaa Ashaaraa magariisaan hojiin raajii ta’e hojjetameera jedhan.
Qamadii Jallisii Boneen misoomsuun bu’aa dinqisiisaan argameera.
Bara 2014 keessaa dhiibbaa keessaa fi alaa hedduun qoramnus hojii murannoo fi kutannoon hojjetameen bu’aa hedduu galmeessineerra jedhan.
Bara 2015 keessas dameewwan hundaan hojii mikaa’ina qabu raawwachuuf karoorfamee gara hojiitti galmuu eeraniiru.
Bara 2015 wayita simannus sirnoota garaagaraan kabachuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.
Qaammee 1 -5, 2014tti hojiileen hojjetamanii fi moggaafni guyyoota shananii laatamuu himaniiru.
Haaluma kanaan Qaammeen 1, Guyyaa tola ooltummaa jedhamuun moggaafameera,
Qaammeen 2, Guyyaa Oomistummaa jedhameera,
Qaammeen 3, Guyyaa Nangeenyaa jedhamuun moggaafameera,
Qaammeen 4, Guyyaa Tajaajiltummaa fi
Qaammeen 5, guyyaa Tokkummaa jedhamuun moggaafamuu Obbo Kabbaddaan ibsa isaaniin himaniiru.
Guyyoota kanneen keessas akkaatuma moggaafama isaaniin hojiilee garaagaraa raawwachuuf qophiin xumuramuu himaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.