Fana: At a Speed of Life!

Qulqullinaa fi dhaqqabamummaa bu’uuraalee misoomaa mirkaneessuun sirna cimaa fi biyya jabduu ni ijaarra-MNO

 

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2014 (FBC) – Qulqullinaa fi dhaqqabamummaa bu’uuraalee misoomaa mirkaneessuun sirna cimaa fi biyya jabduu ni ijaarra jechuun Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibse.

Guutummaan ibsichaa akka ittaanutti dhiyaateera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa badhaadhina hundagaleessaa dhugoomsuuf rakkoowwan dameewwan hedduu naannicha keessatti mul’atan itti fufinsaan furuuf karoora imala badhaadhinaa waggoota shanii baasee hojiitti hiikuun bu’aawwan galmeessee aantummaa ummatummaa qabatamaan mul’isaa jira.

Ummanni naannoo keenyaa gaaffiiwwan misoomaa fi rakkoolee bulchiinsa gaarii barootaaf walirra tuulamaa as ga’an hedduu qaba.
Sirnoota darbaniin waadaa malee qabatamaan arguu, gaaffii malee deebiin lafarra harkifachuun naannoo keenya keessattis ta’e akka biyyaatti rakkoon hiikamuu qabu walirra tuulamee fedhiin ummanni misoomuuf qabu akka heddummatu taasiseera.

Waggoottan afran darbanii asitti garuu mootummaan gam-tokkoon rakkoo uumamaa fi nam-tolchee biyya keenya mudatan furaa gama biraan ammoo rakkoolee bulchiinsa gaarii hiikee misooma saffisiisuun gaaffi hawaasaa deebisuuf xiyyeeffannaa addaa kennuun hojii hojjechaa tureen bu’aan qabatamaan danuun galmaa’eera.

Bara 2013 Mootummaan Naannoo Oromiyaa pirojeektota misoomaa kuma 11 ol eebbisiisuun faayidaa ummataaf oolchuun isaa ni yaadatama.

Bara kanas, rakkoolee bulchiinsa gaarii ijaarsa pirojeektootaan wal qabatee uumamu hiikuun itti quufinsa ummataa dabaluuf pirojektoota buleeyyiifi haaraa yeroo fi bajata ramadameen hojjetamaa tureera.

Pirojektoonni kunneenis saffisaafi qulqullina barbaachisaa ta’een ijaaramanii akka xumuraman hordoffii fi deeggarsa taasifamaa tureen pirojektoonni addaa addaa kuma 20 fi kuma 70 ol baajata mootummaa, mit-mootummaa fi tajaajila lammummaan hojjetameera.

Pirojektoota kanneen xumursiisuuf qarshii biiliyoona 42 fi miiliyoona 650, kuma 473 fi 513 baasii ta’eera.

Pirojeektoonni gurguddoo bara kana xumuramuun tajaajilaaf qophaa’an manneen barnootaa, riqaalee, sarara ibsaa, daandiiwwan, bishaan dhugaatii, hospitaalotaa fi buufataalee fayyaa, jal’isiiwwan, bo’oowwan lolaa fi kan biroo yoo ta’an:-
Isaan keessaas:

~Tajaajila lammummaan pirojektota 16,104 tilmaama Birrii biiliyoona 14 fi miiliyoona 53 fikuma 778 fi 55’n,

~ Baajata mootummaan pirojektota 2,985 Birrii biiliyoona 24 fi miiliyoona 964 kuma 732 fi 457’n

~ Baajata dhaabbilee mit-mootummaan pirojeektota 981 Birrii Biiliyoona 3 fi miiliyoona 631 fi kuma 963 oliin hojjetamanii xumuramuun tajaajilaaf qophaa’aniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa pirojeektota kanneen hojjechiisee xumursiisuun tajaajilaaf qopheessuu kan danda’e rakkoowwan nam tolchee fi uumamaa dandamatee qormaata kamiif illee osoo hin jilbeenfatiin xiiqiifi kutannoo olaanaan ummata qindeessee qormaata gara carraatti jijjiiruun injifannoo cululuqaa galmeessuun akeeka diinota keenyaa qabatamaan fashalsuuni.

Pirojeektonni ijaarsi isaanii xumurame kunneenis karaa qindaa’aa ta’een sadarkaa naannoo, godinaa fi aanaatti Waxabajjii 20-30/2014tti eebbisiifamuun tajaajila ummataaf banaa ta’u.

Ummanni naannoo keenyaa, aadaa injifannoo galmeessuu, tikfachuu fi bulfachuu qabu daran cimsuun bu’uuraalee misoomaa kanneen itti fayyadamaa akka kunuunfatuu fi eeggatu Mootummaan Naannoo Oromiyaa waamicha dabarsa.

Ummata keenya qabannee rakkoon nuti hin hiikne hin jiru.

Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Waxabajji 2014

Finfinnee

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.