Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan boba’aa biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaaf ergitu adda kutuu akka dandeessu akeekkachiifte

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2014 (FBC) – Raashiyaan boba’aa biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaaf ergitu adda kutuu akka dandeessu akeekkachiifteerti.
Liitiwaaniiyaan meeshaalee gara Raashiyaa magaalaa Kaaliiniingiraatti imalchiifamurra qoqqoobbii kaa’uu hordofee Raashiyaan boba’aa biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaaf ergitu adda kutuu akka dandeessu ergaa akeekkachiisaa erguun dhaga’ameera.
Tarkaanfii Liitiwaaniiyaan fudhatteef duub deebii cimaan kan ishee eeggatu ta’uu Preezidaantiin Raashiyaa duraanii Diimeetirii Meediveedeev ibsaniiru.
Qoqqoobbii Liitiwaaniiyaan keesse hordofee Raashiyaan duub deebii isaaf boba’aa gara biyyoota Baaltikkitti ergamu adda kutuu akka filannootti fudhachuu kan dandeessu ta’uu eeraniiru.
Dhimmichi hammaataa ta’uu akka danda’us kaasaniiru.
Qoqqoobbiin imalaa kun biyyoonni lixaa waraanaa bakka bu’iinsaa Raashiyaarratti banuu isaanii ifatti kan agarsiise ta’uu himaniiru.
Duub deebiin Raashiyaan fudhattu daraan cimaa ta’uu akka danda’u hubachiisaniiru.
Raashiyaan tarkaanfiiwwan madaallawaa hin taane hojiirra oolchuu akka dandeessu akeekkachiisaniiru.
Liitiwaaniiyaan xiiqii keessa seenuun ishee, bu’aan isaa lammiilee biyyattii kan miidhu ta’uu dubbachuu isaanii RT gabaaseera.
Preezidaantiin Liitiwaaniiyaa Giitaanaas Naawusaadaan biyyi isaanii qoqqoobbii eegalte kan itti fuftu ta’uu beeksisaniiru.
Dippiloomaatii olaanaan Gamtaa Awurooppaa Jooseep Booreel gama isaaniin, gamtichi Kaaliiniingraad irra qoqqoobbii kaa’uu kan hin barbaanne ta’uu qoqqoobbichas kan qoratu ta’uu ibsanii turan.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.