Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan michuu cimtuu fi yeroo rakkoo Ityoophiyaati – Dooktar Ballaxaa Mollaa

Finfinnee, Sadaasa 27, 2015 (FBC) – Walga’iin komishinii waloo diinagdee,saayinsii fi Daldalaa Ityoo -Raashiyaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Walga’icha haasaan kan banan daayireektarri dhimoota Awurooppaafi Ameerikaa Ambaasaaddar Isheetee Xilaahuun Ityoophiyaafi Raashiyaan walitti dhufeenya jaarrawwan lakkoofsise qabaachuu himaniiru.

Michummaan Ityoophiyaa fi Raashiyaa fayyadama waloo irratti kan xiyyeeffate ta’uu Ityoophiyaatti Ambaassadarri Raashiyaa Eevigeni Teerekeniin ibsaniiru.

Ityoophiyaan Afrikaarraa michuu cimtuu Raashiyaa tahuus himaniiru.

Ityoophiyaan fooyya’iinsa guddina diinagdee guddaa taasisaa jiraachuu eeraniiru.

Walitti dhufeenya biyyoota lamaanii daldala, investimanti,saayinsii fi teeknoolojiitiin dabaaluun barbaachisaa tahuu ibsaniiru.

Carraawwan gaggaari jiran fayyadamuun walitti dhufeenya sadarkaa olaanaatti guddisuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Ityoophiyaan dhiibbaa warreen lixaan gaafa raafamtu Raashiyaan Ityoophiyaa cinaa dhaabbachuun michuu yeroo rakkoo ta’uu ishee Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan ibsaniiru.

Tumsa biyyattiin taasiiftuufi Ityoophiyaan ni galateeffattii jedhan.

Wal gahiin waloo biyyoota lameenis walitti dhufeenya waloo diinagdee,teeknooloojii fi daldalaa biyyoota lameenii cimsuurratti kan xiyyeeffate ta’uu kaasaniiru.

Abbootiin qabeenyaa Raashiyaa damee inveestimantii filatan hundarratti akka bobba’aan gaafataniiru.

Ityoophiyaan tumsa barbaachisuu hunda kan taasiiftu ta’uu eeraniiru.

Yidnaqaachoo H/Maariyaamtu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.