Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan, Waashingitan deeggarsa waraanaa Yuukreeniif taasistu akka dhaabdu akeekkachiifte

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC) – Raashiyaan, Waashingitan deeggarsa waraanaa Yuukreeniif taasistu akka dhaabdu akeekkachiisuu gabaafame.

Deeggarsa meeshaalee waraanaa Ameerikaa fi michuuwwan ishee Yuukreeniif taasisan akka dhaabaan Raashiyaan akkeekkachiisuu gabaafameera.

Deeggarsa Yuukreeniif taasisan hin dhaaban taanaan nageenya naannawaa fi idil addunyaarratti rakkoon hin eegamne dhufuu akka malu ibsiteetti.

“Ameerikaan deeggarsa Yuukreeniif taasistu hin dhaabdu taanaan duub-deebiin hin eegamne kan ishee eeggatu ta’a” jechuun Raashiyaan dhaadachuu TRTn  Washington Postn wabeeffachuun gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.