Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa Birmadummaan ishee eegame dhaloota ittaanutti dabarsuu qaba -L/J Birhaanuu Baqqalaa

Finfinnee, Onkololeessa 1, 2016 (FBC)- Leetenaal Jeneral Birhaanu Baqqalaan Hoggantoota olaanoo Ajajichaa waliin raawwii dirqamaa ajajichaa irratti mari’ataniiru.

Marichaan seenaa bara dheeraa kan qabdu Itiyoophiyaan kabajaan har’a akka geessuu hedduun biyyaa wareegamaa olaanaa kaffalaniif ta’uu dubbataniiru.

“Biyya diiguuf faayidaa isaanii raayyaa irratti fe’uuf humnonni barbaadan jiraatanillee nutii da’oo biyya keenyaa ta’uun ergama keenyaa raawwachaa jirra” jedhaniiru.

Akkumaa dhaloota darberraa Ityoophiyaa kabaja ishee waliin dhaalle, nutis wareegama nurraa eegamu kaffaluun dhaloota dhufutti Itiyoophiyaa birmadummaan ishee mirkanaa’e dabarsuu qabna jedhaniiru.

Qaamoleen hedduun biyya keessaa fi ala Itiyoophiyaa diiguuf tattaffii taasisanillee, Itiyoophiyaan garuu lammiilee ishee goototaan diigamuurraa baraaramuu kaasaniiru.

Ergama keenya ga’umsa olaanaan raawwachuun nageenya ummatootaa mirkaneessuu fi imala misoomaa biyyattii milkeessuuf waardiyyaa nageenyaa amansiisaa ta’uu keenya cimsinee itti fufuu qabna jechuun hubachiisaniiru.

Ittaanaan Ajajaa Kaaba Dhihaa Tajaajila Deeggarsa Loltummaa Meejar Jeneraal Mulu’aalam Admaasuun gama isaaniin, Raayyaan Ittisaa sirnaan kan ijaarame, eessattuu imalee ergamaa fi dirqama isaa kan bahachuu danda’uudha jedhan.

Kunis kan hinmijanneef fiinxaaleyyiin Raayyaa Ittisaa diiguuf hedduu yaalaniiru; ta’us yaaliin isaanii hinmilkoofneef jechuu isaanii ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.