Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa yeroo gara yerootti of cimsuun bu’aa hedduu argamsiisaa jira – Dooktar Abrahaam Balaay

Finfinnee, Mudde 4, 2016 (FBC) – Mariin Paanaalii Hoggantoota Humna Qilleensaa Afrikaa fi Dhaabbilee Tajaajila Aviiyeshinii Alaa kennanii gaggeeffamaa ture xumurameera.

Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay keessummoota kabaja guyyaa Humna Qilleensaa waggaa 88ffaarratti argaman galateeffataniiru.

Raayyaan ittisa biyyaa Itiyoophiyaa yeroo yerootti of cimsaa deemuun bu’aa danuu argamsiisaa jiraachuu Dooktar Abrahaam eeraniiru.

Bu’aan humna qilleensaan argama jiru itti fufsiisuuf guyyaan humna qilleensaa kabajamaa jiraachuu kaasaniiru.

Humna qilleensaa cimsuun nageenya waloo mirkaneessuuf qooda ol olaanaa qabaachuu Dooktar Abrahaam dubbataniiru.

Bahaayiluu Baaneet gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.