Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo Ityoophiyaa muudatuu injifannoo ce’uuf Ityoophiyaanoonni biyya keessaa fi alaa tokkummaan dhaabbachu akka qaban ibsame

Finfinnee, Caamsaa 1, 2013 (FBC)- Rakkoo Ityoophiyaa muudatuu injifannoo ce’uuf Ityoophiyaanoonni biyya keessaa fi alaa jiraatan tokkummaan dhaabbachu akka qaban ibsameera.

Marii haala waqtaawaa biyyaarratti xiyyeeffatee dhalattootaa Ityoophiyaa Ameerikaa qindeessummaa waldaa miseensoota diyaaspooraa sadiin mariin gaggeeffameera.

Maricharratti Ameerikaatti Ambaasaaddaarri Ityoophiyaa Fitsum Araggaa, dhalattoonnii fi lammiileen Ityoophiyaa Ameerikaa jiraataan biyyisanii waamicha taasiftuu deebii aarifataa laachaa jiru jedhaniiru.

Yeroo ammaa kana Ityoophiyaatti hidha haaromsaa guddichaa, daangaa Ityoo Sudaan, tamsa’ina odeeffannoo sobaa, lammiileen buqqa’uu akkasumas filannoo biyoolessaa gaggeeffamuun walqabisiisee dhibbaawwan qaqqabaan ittisuurratti diyaaspooraan shoora isaanii cimsee akka itti fufuu himaniiru.

Marichaanis rakkoo Ityoophiyaa muudatuu injifannoo ce’uuf Ityoophiyaanoonni biyya keessaa fi alaa tokkummaan dhaabbachu waada galuusanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.