Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee Ardii Afrikaa mudachaa jiruu furuuf tokkummaan biyyoota gamtichaa barbaachisaadha – Muusaa Faakii Mahaammat

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2014(FBC) – Barreessaan Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaamaat rakkoolee ardii Afrikaa mudachaa jiruu keessaa ba’uuf tokkummaan biyyoota gamtichaa barbaachisaa ta’uu himan.

Rakkoolee nageenyaa mudachaa jiraniin cinatti dhufaatiin Covid-19 ardichaaf qormaata guddaa ta’uu kaasaniiru.

Weeraricha hordofuunis Lammileen hedduun hiyyuummaa fi rakkoolee hawaasummaa kaaniif saaxilamuu eeruun, rakkoolee kunneen furuun xiyyeeffannoo bara hojii 2022 ta’uu qaba jedhan.

Ajandaan 2063 dhimma Xiyyeeffannoo barbaaduu ta’uu kaasuun,milkaa’innii ajandichaa Afrikaa tokkoomte,Badhaadhee fi lammilee isheef mijatte uumuuf kan gargaaruu ta’uu ibsaniiru.

Mariin walga’ii mana maree hojii raawwachiiftuu Ministirootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan dhimma kana ka’umsa taasiisuu akka qabu eeraniiru.

Kana malees Afrikaan dhimma keessoo ishee of dandeessee gidduu seentummaa tokko malee akka furattu xiyyeeffannoo guddaan kan itti kennamuudha.

Kaayyicha milkeessuuf biyyoonni Miseensa gamtichaa qooda isaanii ba’uu akka qabaniis waamicha dhiyeessaniiru.

Ministirri Ministeera dhimma alaa Rippaablika Diimookiraatawaa Koongoo fi Walitti qabaan yeroo Walga’ii ministeerotaa Gamtaa Afrikaa Kiristoofee Luutuundaan gama isaaniitiin marichi dhimmoota Ardichaaf xiyyeeffannoo barbaadanirratti xiyyeeffata jedhan.

Dhimmi Covid-19, Sirni Nyaataa bara 2022 dhimmoota ijoo marichaa ta’uu himaniiru.

Kana malees hojiin riifoormii gamtichaa fi filannoon qondaaltootaas taateewwaan gurguddoo marichaati jedhan.

Yidinaqaacho Hayilamaariyaamtu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.