Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee hedduu keessa darbuun injifannoo gurguddoo galmeessineerra – Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adooleessa 19, 2013 (FBC) – Waltajjiin gamaggama raawwii hojii bara 2013 fi kallattii hojii bara 2014 naannoo Oromiyaa magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jira.

Waggoottan darban dabalatee bara kana keessa rakkoolee hedduu akka naannoottis ta’ee akka biyyaatti mudataa ture hunda keessa darbuun injifannoo gurguddoo hedduun galmaa’eera jedhan Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa karaa nagaan raawwachuu,sassaabbii galii,proojektii,Qonna Kilaasteraa karaa makaanaayizdii ta’een raawwachuu, dhaabbii biqiltuu fi qonna jallisii dabalatee guutinsi Bishaanii Hidha Haaromsaa aarsaa barbaadamu kaffaluun xumuramuu kaasaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Baadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa gamasaanitiin imaanaa fi ba’aa uummanni keenya nutti kenne wayita fudhanne,duula dhaabbii biqiltuun riikardii haaraa galmeessinee fi uummanni daangaa hanga daangaatti ba’uun Raayyaa Ittisaa biyyaa cinaa dhaabbataa jirutti ta’uun Waltajjii kana addaa taasiisa jedhan.

Waltajiin kun gabaasa raawwii hojii paartii 2013 fi karoora 2014,raawwii hojii mootummaa 2013 fi karoora 2014 raawwii hojii mootummaa fi paartiirratti kan xiyyeefatu ta’ii ibsaniiru.

Godinaalee fi Bulchinsa magaalaa raawwii hojii gaarii qabaniif beekkamtin kan laatamu ta’uu himuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.