Fana: At a Speed of Life!

Rasaasni kumni 3 ol dhaabbata hojii mukaa tokko keessa dhokfamee ture shakkamtoota waliin to’annaa jala oole

Finfinnee, Caamsaa 8, 2014 (FBC) –Poolisii Magaalaa Finfinnee fi Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyoolessaa sakattoo taasisaniin rasaasni kumni 3 ol dhaabbata hojii mukaa tokko keessa dhokfamee ture shakkamtoota waliin to’annaa jala ooluu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Dhaabbileen lamaan kutaa magaalaa Gullallee aanaa 7tti kan argamu dhaabbata hojii mukaa tokko keessa rasaasni jiraachuu eeruu uummatarraa qaqqabeen sakattoo taasisaaniin to’atamuu ibsameera.

Rasaasonni kunneen kumni 1 fi 98 kan bireenii fi kumni 2 fi 162 ammoo kan kilaashii ta’uu eerameera.

Dhimmichaan wal qabsiisee namoonni shakkaman 2 to’annaa jala ooluu qorannoon taasifamaa jiraachuu ragaan poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.