Fana: At a Speed of Life!

Rokkeettiin Chaayinaa To’annoo ala kan taate garba Indiyaatti bu’uu himame

Rokkeettiin Chaayinaa To’annoo ala kan taate garba Indiyaatti bu’uu himame

Finfinnee, Caamsaa 1, 2013 (FBC) – Rokkeettii Chaayinaa To’annoo ala kan taate garba Indiyaatti bu’uu Inistiiityuutiin Saayinsii Hawwaa Ityoophiyaa beeksiiseera.

Daarektarri olaanaa Inistiiityuutichaa Abdiisaa Yilmaa EBC tti akka himanitti,Rokkeettiin Chaayinaa loong maarch B5 jedhamu qaamnisaa haga ta’e lafa osoo hin ga’iin kan gubate yoo ta’u, caccabaansaa ammoo garba Indiyaa odola Maaldisvis cinaa bu’eera.

Rokkeettiin kun Eebila 21, 2013 eegaltee to’annoo ala ta’uun saffisa olaanaan gara lafaatti gadi imalaa jiraachuu Inistiiityuutiin Saayinsii Hawwaa Ityoophiyaa beeksiisuun isaa ni yaadatama.

Rokkeettiittiin lafa naanna’uuf daqiiqaa 90 kan itti fudhatu yoo ta’uu, sa’aatii 1 keessatti Kiiloo Meetira kuma 28 kan ga’u akka ta’e Inistiityuutichi Faanaa Brookaastingii Korporeetiif ibse ture.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.