Fana: At a Speed of Life!

Sababa jijjiirama qabeenya qilleensaan Awurooppaatti balaa cimaan muudachuu danda’a jedhame

Finfinnee, Bitootessa 2, 2016 (FBC) – Takkaanfiin madaallawwaa ta’e saffisaan yoo hin fudhatamne sababa jijjiirama qabeenya qilleensaan Awurooppaatti balaa cimaan muudachuu akka danda’u Gamtaa Awurooppaa akkeekkachiise.

Naannawaa Kibba Awurooppaatti balaa cimaan mudachuu akka danda’u Ejansiin Eegumsa Naannoo Naannawaa Awurooppaa ibseera.

Ejansichi sodaa bala ardicharra mudachuu danda’u ilaachisee gabaasa jalqabaa dhiyeesseera.

Balaan Ibiddaa, Hanqinni Bishaanii fi oomishaa mudachuu akka malu himeera.

Naannawaa qarqara Galaanaatti ammoo balaan Lolaa, sigigni lafaa fi Summaa’uun bishaanii mudachuu akka da’u hubachiiseera.

Ariitiin tarkaanfiin yoo hin fudhatamne balaa hamaan muudachuu akka danda’u Ejansichi yaadachiiseera.

Hoo’insi, Gogiinsi, balaan Ibiddaa fi balaan lolaa yeroo dhiyoo as Awurooppaatti mul’atu dabalaa jiraachuu fi ulfaachuu danda’a jedhameera.

Balaa sababa jijjiirama qabeenyaan Awurooppatti mudachuu malan 36 keessaa 21 tarkaanfii ariifachiisaa kan barbaadanii fi 8 ammoo bifa addaan furmaata ariifachiisaa kan barbaadan ta’uu ejansichi gabaasa isaan himuu CGTN gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.