Fana: At a Speed of Life!

Saganataan misooma qamadii biyyaalessa Ityoophiyaa, galma wabii nyaataan of danda’uu milkeessuuf fakkeenya mul’isuudha-Dooktar Fitsum Asaffaa

Finfinnee, Adoolessa 23, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan hojiirra oolchaa kan jirtu sagantaan misooma qamadii biyyaalessaa, galma wabii nyaataan of danda’uu qabame milkeesuuf imaammata fi qabeenyaa barbaachisu hojiirra oolchinaan milkeessuun akka danda’amuu fakkeenyaa argisiisu ta’uu Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaa dubbatan.

Dooktar Fitsum CNN waliin turtii taasisaniin, sadarkaa idil addunyaatti qaala’iinsi gatii boba’aa fi nyaataa biyyoota guddachaa jiran kanneen akka Ityoophiyaa irratti dhiibbaan uumee olaanaa ta’uu himan.

Sababa weerara vaayirasii koroonaan diinagdee biyyattii mudhukee ture utuu hindandamatiin walitti bu’iinsi Yuukireenii fi Raashiyaa kufaatii biraa hordofsiise keessa seeneera jedhan.

Keessummaa dhiyeessiin boba’aa fi xaa’oo gufachuun dabalaa waan dhufeef qaala’iinsaa gatiif gumaacha taasisuu eeran.

Ityoophiyaatti qaala’iinsi jireenyaa fi gatii kan yeroo dheeraa lakkoofsise ta’uu fi dorgomtummaan hir’achuu ibsanii, rakkochaa bu’uurarraa furuuf mootummaan karoora misoomaa waggoota 10 bocuun sochiirra jiraachuu Dooktar Fitsum ibsaniru.

Tasgabbiin dhabamuu naannawaa kutaa Kaabaa biyyattii jiruu fi dhiibbaawwan diinagdee addunyaa qormaata ta’anis, kanneen hundaa tilamaamuun karoorri misoomaa qophaa’ee rakkolee kanneen ce’uuf akka tumsu ibsaniiru.

Addatti qonnaa fi diinagdee qonnaan hogganamuu irratti bal’inaan hojjechuun oomishtummaa guddisuuf karoorri waggoota 10 kun gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Sagantaa qamadii biyyaalessaatiin sirni qonnaa rooba qofaa eeggachuun gaggeeffamaa ture, jallisiidhaan qamadii misoomsuuf hojiileen hojjetaaman zeeroorraa ka’uun qamadii toonii miiliyoona 2.5 oomishuun akka danda’ame dubbataniru.

Kunis sagantaa fooyyessa diinagdee biyyaa keessa galmaan ga’uuf tumsa jedhan.

Addunyaan, jijjiirama qabeenyaa qilleensaa fi vaayirasii koronaa akkasumaas, taateewwan rifachiisoo keessatti akka argamtu yaadachiisuun waraanni Yuukireenii fi Raashiyaa ammoo rakkochaa caalaatti hammeesseera himan.

Walitti bu’iinsi bifa kamiinuu hinjajjabeeffamu kan jedhan Dooktara Fitsum, walitti bu’iinsi mudatanis mariidhaan akka furaman gama Ityoophiyaan fedhiin akka jiru dubbataniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Seergee Laavroov Afrikaatti daawwannaan taasisan hariiroowwan dippilomaasummaa, muddama jiru mariin akka furaman mootummoonni Afriikaa fedhii olaanaa akka qaban eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.