Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa inshuraansii fayyaa babal’isuun tajaajila fayyaa waliingahuuf  hundi gaheesaa ba’achuu qaba- Obbo Dammaqaa Makonnin

Finfinnee, Mudde 22, 2015(FBC)- Sagantaa inshuraansii fayyaa babal’isuun tajaajila fayyaa waliingahuuf  hundi gaheesaa ba’achuu qaba jedhan Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin.

Sagantaan hojiirra oolmaa inshuraansii fayyaa waggaa 10ffaafi sagantaan jalqabsiisa hojii Mana Maree Biyyaalessaa inshuraansii fayyaa gaggeeffamaa jira.

Obbo Dammaqaa Makonnin haasawaa saganticharratti taasisaniin, mootummaan fayyaafi jiruuf jireenya lammiilee fooyyessuuf akkasumas hiyyummaa keessaa baasuuf tarsiimoowwan garaagaraa hedduu bocuun hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Sagaantaan tajaajila inshuraansii fayyaa hawaasaa kutaa hawaasaa qonnaan bulaa hedduu kan of keessatti hammatuufi waliingahiinsa tajaajila fayyaa kan mirkaneessudha jedhan.

Yeroo itti aanutti inshuraansii fayyaa hunda galeessa waliin gahuuf hirmaannaan hundaa barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan gamasaaniin, tajaajila fayyaa waliin gahuuf uwwisni inshuraansii fayyaa gahee olaanaa qabaachuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

Tajaajilicha  aanaalee 894 naannolee fi bulchiinsota magaalaa hundatti hojiirra oolchuun lammiilee miiliyoona 49 fayyadamoo taasisuun danda’amuu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.