Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan babal’ina bu’uraalee misoomaa magaalootaa namoota miiliyoona 6 ol fayyadamoo taasisu hojiirra ooluu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 25, 2015 (FBC) – Magaaloota 117 keessatti wixineen sagantaa babal’ina bu’uraalee misoomaa magaalootaa namoota miiliyoona 6 ol fayyadamoo taasisu, qophaa’ee hojiirra oolaa jiraachuu ibsame.

Yaa’iin Magaalotaa 4ffaan magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira.

Ministir Deetaan Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Heelan Dabbabaan, gaaffiiwwan misoomaa hawaasni kaasuu deebisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu yaa’icharratti ibsaniiru.

Kantiibaan magaalaa Jimmaa obbo Najiib Raayyaan gamasaaniin, bara darbe piroojektoonni faayidaa hawaas- diinagdee qaban xumuramanii tajaajilaaf oolaa jiraachuufi bara kanas piroojektoonni gurguddaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Yaa’icharratti kantiibaawwan magaaloota garaagaraa kan argaman yoo ta’u, piroojektii misooma qarqara laga Aweetu daawwataniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.