Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Preezdaant Traamp godaantoonni ijoolummaan Ameerikaa galanii sanada seeraa malee jiraatan uwwisa laatu akka adda cituuf dhiyeesan kufe

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2012 (FBC) –Manni Murtii Waliigalaa Ameerikaa sagantaa Preezdaant Traamp godaantoonni ijoolummaan Ameerikaa galanii sanada seeraa malee jiraatan uwwisa laatu akka adda cituuf dhiyeesan kuffise.
 
Sagantichi bara Faranjootaa 2012 ifaan kan eegale yoo ta’u, godaantoonni ijoolummaan Ameerikaa galanii jiraachuuf sanada seeraa hin guuttanne Ameerikaa akka ba’an uwwisa laata.
 
Akka sagantaa kanaatti godaanttoonni Ameerikaatti hojjechuuf haaroomsa turtii waaggaa lamaatu taasifamaaf.
 
Karoorri kun sagantaa godaantootaaf lammummaa laachuu bara Preezdaant Baaraak Oobaamaa eegalame hin dabalatu.
 
Yeroo ammaa sagantichi godaantoota kuma dhibba 6 fi kuma 50tti hiiqaniif uwwisa kan laatu yoo ta’u, Preezdaant Traamp karoorii turtii godaantootaa Ameerikaa daangeessuuf dhiyeessan kufeera.
 
Murteen mana murtii yeroo ammaa kun Preezdaant Traamp saganticha hambisuuf tattaaffii taasisan dabalataarraa kan isaan ittisuu ta’uu himameera.
 
Preezdaant Traamp murtoon mana murtii kun murtoo naasisaa fi qabiyyee siyyaasaa of keessa qabu jechuun qoosaniiru.
 
Gama biraan sagantichi siyyaasaa osoo hin taane furmaata seeraa kan barbaadu ta’uu dubbataniiru.
 
Adeemsa barbaachisu ni eegalla jedhaniiru.
 
Maddi:-Reuters
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.