Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Xaafiifi nyaata xaafiirraa hojjetaman beeksisu Roomitti gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 19, 2015(FBC)- Sagantaan Xaafiifi nyaata xaafiirraa hojjetaman beeksisu Xaaliyaanii magaalaa Roomitti gaggeeffamuu ibsame.

Sagantichi gosoota midhaanii idil addunyaa sababeeffachuun Dhaabbata Nyaataafi Qonnaa Addunyaa Room argamu keessatti gaggeeffamuu ibsameera.

Saganticha Ministeerri Qonnaafi Embaasiin Ityoophiyaa Roomitti argamu waliin kan qopheessan yoo ta’u, hojjettoonni dhaabbilee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii teessoo isaanii Room taasisatan, Ambaasaaddaroonni biyyoota Afrikaa Room jiraniifi bakka bu’oonni Gamtaa Awurooppaa saganticharratti argamaniiru jedhame.

Xaaliyaaniitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dammituu Hambisaan, Ityoophiyaan biyya aadaa, amantaafi duudhaa hedduu qabdu ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaa keessa gosoonni nyaataa jaallatamoo ta’an jiraachuufi nyaata Ityoophiyaanonni hedduun sooratan biddeena xaafiirraa qophaa’u ta’uu addeessaniiru.

Qonnaan bultoonni Ityoophiyaa xaafii waggoota kumaatamaaf oomishaa turuu yaadachiisuun, Ityoophiyaan sagantaa Nyaataafi Qonnaa Addunyaa “ Oomisha tokko biyya tokkotti” jedhurratti xaafii filachuun irratti hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Saganticharratti nyaata Ityoophiyaa dabalataan shubbisniifi sirboonni aadaa, bunniifi agarsiistuuwwan aadaa Ityoophiyaa biroo hirmaattotaaf dhiyaachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.