Fana: At a Speed of Life!

Sakattoon qorannaa aantiiboodii COVID -19 gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2012 (FBC) – Har’a Waxabajjii 15 hanga Adoolessa 7,2012tti sakattoon qorannaa aantiiboodii COVID -19 ni gaggeeffama.
 
Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa akka beeksisetti, qorannaan vaayrasii koroonaa Amajjii 29,2012 eegalee gaggeeffamaa tureera.
 
Laabraatooronni bulchiinsota magaalaa fi naannoleerra jiranis amma Waxabajjii 14,2012tti qorannaa samuudaa 216¸328 hojjetaniiru.
 
Qorannaan aantiiboodii gaggeeffamus tamsa’ina vaayrasichaa baruu fi deebii barbaachisaa laachuuf kan gargaarudha.
 
Aantiiboodii jechuun qaamni keenya dhibeedhaf ega saaxilamee torbee 1 hanga torbee 3tti dhibee ofirraa ittisuuf waan oomishudha.
 
Kun ammoo umrii, soorata, dawaa itti fayyadamnu, hammeenya dhibichaa fi dhibeewwan biroo jiranirratti murtaa’a.
 
Qorannaan kunis dhiiga miilii liitira 3-5 qaama keenyarraa fudhachuudhan hojjetama.
 
Hojichi weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi to’achuuf faayidaa guddaa qabaata.
 
Yaata’uutii qorannaa aantiiboodii qofa fayyadamuudhan yaala laachun hin danda’amu.
 
Qorannaan kunis har’a Waxabajjii 15,2012 eegalee magaalaa Finfinnee, Dirree Dawaa fi nananolee hundatti gaggeeffama.
 
Hojii qorannaa kanaaf hunduu tumsa akka taasisus waamichi dhiyaaterta.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.