Fana: At a Speed of Life!

Salaata Iidaa Guddicha Ityoophiyaatti gaggeessuuf haaldureen xumuramuu ibsame

Finfinnee, Eebila 23, 2014 (FBC) – Salaata Iidaa Guddicha Ityoophiyaatti gaggeessuuf haaldureen xumuramuu Tajaajilli Diyaaspooraa Ityoophiyaa beeksise.

Salaaticharratti Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa, hoggantoonni amantaalee biyyoota olla fi kutaaleen hawaasaa magaalaa Finfinnee fi naannawaashee kan hirmaatan ta’uu Seekreetariyaatiin Koree “Iid hanga Iid” fi Manni Maree Dhimmoota Islaamaa Magaalaa Finfinnee ibsa waloo baasaniin ibsaniiru.

Salaatni Iid bara kanaa kan kanaan duraarra haala qindaa’ina qabuunii fi maqaa gaarii biyyattii olkaasuu  haala danda’uun akka gaggeeffamuuf deeggarsi qaamolee hundaa kan barbaachisu ta’uu eerameera.

Bakka bu’oonni dhaabbilee gitaa biyyoota olla waamichi taasifameef gara Finfinnee gala jiraachuu ibsameera.

Ityoophiyaanonnii fi dhalattonni Ityoophiyaa ayyaanicharratti hirmaachuuf dursanii gara biyyaa gala turuun yaadachiifameera.

Salaanni Iid bara kanaa magaalichatti bakkeewwan garaagaraarraa walitti dhufuunii fi  haala waliin sagaduun danda’amuun Istaadiyeemii Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uu ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.

Korichi Ityoophiyaanota, dhalattoota Ityoophiyaa fi michuuwwan ishee  ayyaanicharratti hirmaachuuf gara biyyaa dhufaniif ayyaanichi ayyaana gaarii akka ta’uuf hawwii qabu ibseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.