Fana: At a Speed of Life!

Sarara daddabarsa humnaa daandii Baaburaa ijaaruuf waliigalteen mallattaa’e

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2012 (FCB) –Proojaktii daandii Baaburaa Awaash – Waldiyaa gabaa Haraatiif sarara daddabarsa humnaa ijaaruuf waliigalteen mallataa’e.
 
Waliigaltichi daandii Baaburaaf humna elektirikaa dhiyeessuuf sarara daddabarsa humna elektirikaa olaanaa abbaa Vooltii 230/132 ta’uu ibsameera.
 
Waliigaltichas hojii raawwachiisaa olaanaa Humna Elektirikii Ityoophiyaa obbo Ashabbir Baalchaa fi daayreektara Maarkeetiing dhaabbata Chaayinaa ‘Piingaa’oo Gruup Oovarsiis’, Zyii Yaanbiin gidduutti mallataa’eera.
 
Ijaarsa sarara daddabarsa humnaa kana xumursiisuuf Doolaarri Ameerikaa miiliyoonni 11.5 ramadamuu ibsameera.
 
Baasiin ijaarsichaa hundi mootummaa Ityoophiyaan kan uwwifamu ta’uu obbo Ashabbir himaniiru.
 
Mootummaan Ityoophiyaa Proojaktoota gurguddoo eegalaman xumursiisuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu himaniiru.
 
Daayreektarri Maarkeetiing dhaabbata Chaayinaa ‘Piingaa’oo Gruup Oovarsiis,’ Zyii Yaanbiin gama isaaniin proojakticha yeroo kaa’ameef keessatti xumuruuf xiyyeeffannoon kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
 
Proojaktichi Kiiloo Meetira 206 kan dheeratu yoo ta’u, Baatii 12 keessatti ijaarsi isaa ni xumurama jedhamee eeggama.
 
Ijaarsi daandii Baaburaa Awaash- Waldaa gabaa Haraa xummuramuun dhiyeessa humnaa eeggataa jiraachuu ragaan Humna Elektirikii Ityoophiyaarra argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.