Fana: At a Speed of Life!

Sararri daandii babuura salphaan Magaalaa Finfinnee fi daandii marsaa irratti riqichii miilaan adeemtoota ammayyaa ijaaramuufi

Finfinnee, Eebla 8, 2013 (FBC)- Sararri daandii babuura salphaan Magaalaa Finfinnee fi daandii marsaa irratti riqichii miilaan adeemtoota ammayyaa ijaaramuufi tahuu Ejansiin Bulchiinsa Tiraafikaa Magaalaa Finfinnee beeksise.
piroojaktichi baasii Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 74 akka ijaaramu ibsameera.
Daandii Marsaa fi sarara daandii babuura salphaa irratti daandii ce’umsaa irratti balaa tiraafikaa fi rakkoo dhiphina tiraafikaa hiikuuf bakkeewwan 4 adda baafamun riqicha miilaan deemtotaa ijaaruunifi miilaan deemtootafi konkolaachistoota adda baasuun rakkicha hiikuuf riqicha kana ijaaruuf qophiin dura xumuruun waligaltee Kontiraataa mallattessaniiru.
Akka gabaasa AMNtti riqichaa kana ijaaruuf Kaampaniin Chaayinaa Zh Yaangi jedhamu bakkeewwaan ijaarsaaf filataman Gurdi Shoolaa, Marii CMC, Goojjam Barandaa fi Haakim Maammoo jedhamanitti ijaaruuf waligaltee mallattessaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.