Fana: At a Speed of Life!

Seektaroonni kilaastara magaalaa taarkaanfilee haaraa rakkoo bu’uuraa isaanii hiikuu danda’an bocuun hojjechuu qabu- Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) – Seektaroonni kilaastara magaalaa taarkaanfilee haaraa rakkoo bu’uuraa isaanii hiikuu danda’an bocuun, karoorfatanii hojjechuu akka qaban Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa beeksisan.

Karoorri hojii Bara 2015 Kilaastara Misooma Magaalaa Oromiyaa, bakka Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi Sadarkaa Itti Aanaa Preezdaantiitti,Qindeessitoonni Kilaasteraa argamanitti dhiyaateera.

Karoorri hojii bara 2015’tti qabame kan rakkoo misooma magaalaa furu akka ta’uuf, hawaasni hirmaachuun dirqama ta’uu Obbo Shimallis Abdiisaa eeraniiru.

Akka kilaastara misooma magaalaatti seektarri kamiyyuu kaayyoolee gurguddoo afur; Wabii nyaataa mirkaneessuu, Ogummaa Uumuu fi dagaagsuu, Interpirunaroota uumuun aadaa hojii foyyessuu fi kenna tajaajilaa foyyeessuurratti fuulleffatanii hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo hawwaas-dinagdee magaalota Oromiyaa keessatti mul’ataa turan furuuf, yoomiyyuu caalaa karoorfatee hojjetaa jiraachuu ibsuun,karoora hojii bara 2015 keessatti Qonna Magaalaa, Idaastirii Godoo, Babal’ina Indaastiraalaayizashinii, beeksisaa fi Itti fayyadama humna Invastimantii, fooyya’iinsa Bulchiinsa Proojeektotaa ,Galii Mana Qopheessaa dabaluu, Qusannoo fi Invastimentii jabeessuu, Qulqullinaa fi Magariisummaa magaalaa foyyeessuu, seer-maleessummaa daldalaa maqsuun riiformii daldalaa fi geejjibaa lafa qabsiisuun xiyyeeffannoo ijoo ta’uus himaniiru.

Marii gaggeeffameen Karoorri Kilaastara Magaalaa ; Biiroo Misooma Magaalaafi Manneenii, Biiroo Invastimentiifi Idaastirii, Biiroo Daldalaafi Misooma Gabaa, Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa, Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii, Inistiitiyuutii Pilaanii Magalaa, Ejensii Mirkaneessa Ogummaa fi Ejensii Geejjiba Oromiyaa dhiyaate kan ture yoo ta’u,yeroo itti aanutti karoorri hojii bara 2015 Kilastara Hawwasummaa fi Kilaastara Horataalee Mootummaa dhiytaachuun irratti kan mari’atamu ta’uu ragaan Waajjira pireezedaantiirra argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.