Fana: At a Speed of Life!

Seenaan Ityoophiyaa fi Ityoophiyaanota hundi Injifannoodha- Obbo Mallas Alamuu

Finfinnee, Sadaasa 9, 2014 (FBC)- Kutaa magaalaa Ekkaatti dargaggoota Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamaniif gaggeessan taasifameera.

Mata duree “ Ani osoon jiruu Ityoophiyaa dabarsee hin kennu” jedhuun dargaggoota kutaa magaalichaa Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamaniif gaggeessaan taasifameera.

Daba biyya diiguu biyyoota biroorratti raawwatame fuulaa fuulatti irratti duuluun bilisummaa keenya ni eegsisna, kana hubachuun deebii gama maraa jiraattonni magaalaa Finfinnee laachaa jiran kan nama dinqisiisu ta’uu hoogganaan Waajjira Paartii magaalaa Finfinnee obbo Mallas Alamuu sirnicharratti ibsaniiru.

kabajnii fi bilisummaan Ityoophiyaan akkuma kaleessaa bara keenyattis eegamee itti fufa jedhan.

Oduu fi prooppogaandaan sobaa garee shororkeessaa ABUT Ityoophiyaatti bakka kan hin qabne ta’uu fi injifannoon Ityoophiyaanotaa dhiyoo ta’uu kaasaniiru.

Daayreektarri Sabquunnamtii Raayyaa Ittisa Biyyaa Koloneel Geetinnat Adaanaa gamasaaniin, Finfinnee dabalatee guutummaa Ityoophiyaatti hojiilee deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasifamu galateeffataniiru.

Jiraattonni kutaa magaalichaa naannoo isaanii dammaqinaan eeguurra darbee Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa garaagaraa  Birrii miiliyoona 55tti tilmaamamu taasisuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Seekretariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.