Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Atleetiksii Ityoophiyaa 10ffaan umurii waggaa 20 gadii fi 3ffaan umurii waggaa 18 gadii eegale

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2014 (FBC) – Shaampiyoonaan Atleetiksii Ityoophiyaa 10ffaan umurii waggaa 20 gadii fi 3ffaan umurii waggaa 18 gadii magaalaa Asallaatti eegalame.

Shaampoyoonichi magaalaa Asallaa istaadiyeemii magariisa Asallaa bakka preezdaantiin Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaa atileet Daraartuu Tulluu argamanitti eegaleera.

Waldorgommichi atileetota ciccimoo horachuurra darbee shaampiyoonaa atileetiksii guddattootaa Baha Afrikaa Taanzaniyaa Daaresalaamitti gaggeeffamuuf atileetonni Ityoophiyaa bakka bu’an kan itti filataman ta’uu ibsameera.

Baniinsi shaampiyoonichaas dorgommii xumuraa fi gulaalliin garaagaraa eegalamuun ragaan Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.