Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Atleetiksii Ityoophiyaa 51ffaan Bitooteessa 19, 2014 eegalee magaalaa Hawaasatti ni gaggeeffama

Finfinnee, Bitootessa 15, 2014 (FBC) – Shaampiyoonaan Atleetiksii Ityoophiyaa 51ffaan Bitooteessa 19, 2014 eegalee magaalaa Hawaasatti kan gaggeeffamu ta’uu Federeeshiniin Atleetiksii Ityoophiyaa beeksiise.
Federeeshinichi Shaampiyoonicha ilaalchisee har’a fuula miidiyaa hawaasummaa isaani ibsa laateera.
Shaampiyoonaa kanarratti naannoleen, bulchiinsi magaalootaa, kilaboonnii fi Atleetoonni giddu gala leenjii Atleetiksii keessatti argaman ni hirmaatu jedhameera.
Shaampiyoonaan Atleetiksii Ityoophiyaa bara 1963 eegale.
Dorgommii shaampiyoonaa waggaa 50ffaa Istaadiyeemii magaalaa Finfinneetti gaggeeffamerratti riikkardiiwwan 8 galmaa’uun kan yaadatamuudha.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.