Fana: At a Speed of Life!

Shakkamtoonni ABUT fi Shanee biyya diiguuf sochii taasisaa turan to’ataman

Finfinnee, Sadaasa 16, 2014 (FBC)-  Hojiin shakkamtoota garee shorokeessitoota ABUT fi Shanee waliin hidhata uumuun biyya jeequuf socho’an to’annaa jala oolchuu cimee itti fufuu ibsameera.

Shakkamtoonni garee shororkeessitootaa ABUT fi Shaneerraa ergama fudhachuun magaalaa Finfinneetti jeequmsaa fi shororkeessummaa raawwachuuf qophii taasisaa turan to’atamaa jiraachuu ibsameera.

Sakattoo taasifameen hanga yoonaatti meeshaaleen waraanaa garaagaraa fi sanadoonni to’atamuu eerameera.

Sakattoo guyyaa har’a kutaa magaalaa Eekkaa aanaa 7 mana nama dhuunfaa garee shororkeessaa ABUT waliin hidhata qabaachuun shakkamtetti taasifameen kilaashinkooviin 2 rasaasa waliin akkasumas shuguxiin 2 rasaasa waliin qaamolee nageenyaan to’atamuu ibsameera.

Dabalataan kutaa magaalaa Boolee aanaa 2 hoteela Atilaas waggoota 3’f siree qabachuun garee shororkeessaa Shanee waliin ergama badii qindeessaa kan ture shakkamaan tokko to’atamuu ibsameera.

Shakkaman kun meeshaalee ergaa badii ittiin raawwataa ture garaagaraa fi olola sobaa miidiyaa hawaasaan gadi lakkisuuf qopheesse waliin to’atamuun dhimmi isaa qoratamaa jiraachuu himameera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.