Fana: At a Speed of Life!

Shira gabaa finxaaleyyiin uumame cinatti rakkoon gaggeessummaa qaala’insa gabaa mul’ateef sababa ijoodha- Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Bitootessa 25, 2015 (FBC) – Shira gabaa finxaaleyyiin uumame cinatti rakkoon gaggeessummaa qaala’insa gabaa mul’ateef sababa ijoo ta’uu Itti Aanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin ibsan.

Obbo Awwaluun rakkoo qaala’insa gabaa Oomisha Qamadiifi daakuu Qamadiin wal qabatee jiru hiikuuf abbootii qabeenyaa warshaalee daakuu, yuuniyeenootaafi qooda fudhattoota waliin mari’ataniiru.

Qaala’insi gabaa yeroo ammaa uumamaa jiru oomishni dhabamee osoo hin ta’iin shira daldala siyaasaatiin ta’uu himaniiru.

Oomishni Qamadii fi midhaan biroo yeroo kamuu caalaa baay’inaan kan oomishameefi oomishamaa kan jiru ta’uus dubbataniiru.

Shira daldaaltonni siyaasaa uumaniin akka oomishni hin jirreefi hanqinni akka uumame fakkeessuun olola hafarfameen qaala’insi gabaa kan uumame ta’uu himuun, rakkoo jiru yeroo gabaabaa keessatti hiikuuf hojjetamaa jiraachuu Obbo Awwaluun himaniiru.

Finxaaleyyiin akka oomishni hin jirretti hafarsaa jiran akkuma jirutti ta’ee rakkoon gaggeessummaa hooggansa sadarkaan jiruus ijoodha jedhan.

Olola hattoonniifi saamtonni hafarsan harkaa fuudhee hoggansi qixxee hafarsu rakkinichi akka hin furamne gahee isaa bahaa jiraachuu adda kan bahe ta’uu himaniiru.

Gaggeessaan sadarkaan jiru rakkoo uumame hiikuudhaaf uummata waliin ta’uun hojjechuu osoo qabuu sababa tarreessuun dhimmichi akka babal’atuufi furmaata hin arganne hojjetu adda baasuun sirreessuuf tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uus Obbo Awwaluun eeraniiru.

Waldorgommiin seeraan alaa abbootii warshaafi daldaltotaa qaala’insa gabaa oomisha qamadii uumameef isa tokko kaasaniiru.

Qaala’insa gabaa oomisha qamadii irratti mul’achaa jiru bu’uura irraa hiikuuf Mootummaan xiyyeeffannaan kan hojjechaa jiru ta’uu dubbataniiru.

Guyyaa har’aa Bitootessa 25/2015 irraa kaasee sadarkaa Naannoo Oromiyaatti keellaan akka ka’u murtaa’uu ibsaniiru.

Dabalataanis walitti hidhaminsa gabaa armaan dura uumamaa ture kan hafeefi waraqaa darbii(pass permission) ittiin hojjetamaa tures ka’uu eeraniiru.

Bu’uuruma kanaan guyyaa har’aa irraa kaasee Naannoo Oromiyaatti qamadii dhorkaa tokko malee qaamni eeyyama qabu kamuu iddoo barbaadeerraa socho’ee bitachuu kan danda’u akka ta’es ibsameera.

Qamadiin qonnaan bulaa irraa bitamu gatii Mootummaan baase jechuunis Birrii kuma 3 fi 200 akka ta’ees eerameera.

Waarshaaleen daakuu gabaa giddu galeessaaf dursa kennuun dhiyeessuu akka qaban kallattii kan kenname yoo ta’u, kan hojiirra hin oolchineefi oomisha isaanii kuufatan irratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu himaniiru.

Kunis gama Biiroo Daldalaa Oromiyaatiin qooda fudhattoota waliin ta’uun kan hordofamuufi sirreeffamni barbaachisu kan fudhatamu ta’uu Obbo Awwaluun eeruu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.