Fana: At a Speed of Life!

Sirna bittaan walqabatee qisaasama maallaqa mootummaa hanbisuuf hojjetamaa jira – BMO

Finfinnee, Caamsaa 26, 2015 (FBC) – Sirna bittaan walqabatee qisaasama maallaqa mootummaa hanbisuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Maallaqaa Oromiyaa beeksiseera.

Naannoo Oromiyaatti adeemsa bittaa piroojaktootaan walqabatee rakkoo bal’aan jiraachuu Hogganaan Itti Aanaan Biiroo Maallaqa Oromiyaa Obbo Mahaammad Jundaan ibsaniiru.

Bittaa dabalatee sirna faayinaansii gara diijitaalaatti jijjiiruun rakkoo qisaasina baajataa uumamu furuuf hojjetamaa akka jiru Obbo Mahaammad dubbataniiru.

Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Obbo Mallase Abbaayinah gama isaan, seera faayinaansiin walqabatee hubannoon ogeeyyii seeraa gadi aanaa ta’uu ibsaniiru.

Leenjii kennamaa jiru hubannoo qaamoolee seeraa cimsuun dabalataan qindoominaan hojjachuuf karra kan banu ta’uu dubbataniiru.

Akka godina Jimmaatti Birriin miliyoonni 10 seera faayinaansiin ala bahuu argannoo Oodiitiin mirkanaa’uu Itti gaafatamaan Waajjira Maallaqaa godina Jimmaa Obbo Mahammad Nuraddiin dubbataniiru.

Muktaar Tahaa fi Tasfaahuun Kabbadaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.