Fana: At a Speed of Life!

Sirna qabiinsa ragaa dhaabbilee barnoota olaanoo ammeeyyeessuf sagantaa gochaa ifoome.

Finfinnee, Fulbaana 4, 2013 (FBC) – Sirna qabiinsa ragaa dhaabbilee barnoota olaanoo ammeeyyeessuf sagantaa gochaa ifoome.

Sirna qabiinsa ragaa Dhaabbilee Barnoota Olaanoo ammeeyyeessuf sagantaa gochaa Fulbaana 4, 2013 hanga Fulbaana 23, 2013tti turu, hoggantoota hojii olaanoo Yuunivarsiitiwwanii kuma 5 ol hirmaachisu har’a ifoome.

Sirna baniinsa sagantichaarratti Deettaawwan Ministiri Waajjira Ministeerichaa Proofesar Afwarqi Kaasuu, Dooktar Muluu Naggaa fi Dooktar Saamu’eel Kiflee ergaa dabarsaniiru.

Ragaan jireenyadha, ragaa sirriin jireenya namoota hedduu jijjiiruf dandeettii qaba. Ragaawwan ta’ii hundaa sirnaan yoo qabne, raga ta’ichaa kennuufis ta’ee ta’icharraa waa barachuuf ga’ee mataa isaa qaba.

Dhaabbileen Barnoota Olaanoo sirna qabiinsa ragaa ammayyeessuu fi ragaa sirriin akka walga’u gochuuf hojii fakkeenyummaa hojjechuu akka qaban irraa eegama jedhameera.

Baruu fi barsiisuu, qorannoo fi tajaajila hunda galeessa hawaasaa keessatti hojiiwwan hojjetaman ragaa sirriin qabanii karaa ammayyaa’aan akkasumaas kutaa dhimmi ilaallatuuf aadaa dabarsuu shakaluun barbaachisaa akka ta’ee eerameera.

Ragaa waliin dhahuun diinagdee biyyaa , hariiroo hawaasaa fi siyaasaa miidhurra darbee rakkinaaf furmaata ottuu hin laatiin turuuf ga’ee akka qabu ibsameera.

Ragaan qindaa’ee yoo qabame garuu qabeenya biyyaa ta’uurra darbee ragaawwan dhaabbilee garagaraa irratti walitti qabaman imaammata baastuuf imaammata ragaa dhugaa irratti hundaa’e rakkoo furu baasuuf carraa akka uumuu eerameera.

Dhaabbileen Barnoota Olaanoo sirna qabiinsa ragaa saayinsawaa fi ammayaa’aa hordofee akka hojjetuu taasisuuf sagantaa ifoomuuu ragaan Ministeera Saayinsii fi Olaanoo irraa argame ni muldhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.