Fana: At a Speed of Life!

Sirni awwaalchaa Artisti Maadiingoo Afawarqi raawwate

Finfinnee, Fulbaana 19, 2015 (FBC)- Sirni awwaalchaa Artisti Maadiingoo Afawarqi Batsakaanaa Sillaasee Kaateediraaliitti har’a raawwateera.

Sagantaan gaggeessa reeffa Artistii Maadiingoo Afawarqi Paarkii Michummaatti bakka maatiin firoottaan, aanga’ooni mootummaa, waahillaan hojii fi dinqisiifattoonni argamanitti sirni abaaboo kaa’uus gaggeeffameera.

Sirna abaaboo kaa’uu kanarratti Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee akka jedhanitti “Du’uun haqa. Hundi keenya garas kan imalluudha. Ta’us maal dhiisnee deemna? Kan jedhu jireenyaa Maadiingoorraa barachuu qabna. Dhugaatti artisitii dargaggeessa goota jaalala biyyaaf qabu ragaa baheedha” jedhaniiru.

Artisti Maadiingoo Afawarqi Haadhaa isaa Aadde Haagernesh Waasee fi abbaa isaa Obbo Afawarqi Mangistuurraa bara 1970tti Goondar Azazootti dhalate.

Artisti Maadiingoo Afawarqi walleewwan jallatamoo hedduudhaan ummata biratti kan beekamu yoo ta’u, dhalatee waggaa 44ffaa isaatti Fulbaana 17, 2015 dhukkuba tasaan addunyaa kanarraa du’aan boqochuun kan yaadatamuudha.

Weellisaan kun maatii kan qabuu fi abbaa dhala durbaa tokko ture.

Sirni aawwaalchaa Artisitii Maadiingoo Afawarqi Batsakaanaa Sillaasee Kaateediraalitti guyyaa har’aa raawwateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.