Fana: At a Speed of Life!

Sirni cimaan yoo hin jiraanne injifannoon itti fufuu hin danda’u – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 30, 2015 (FBC) – Sirni cimaan yoo hin jiraanne injifannoon itti fufuu hin danda’u jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Obbo Shimallis Abdisaan dhimmoota garaagaraa irratti turtii OBN waliin taasisaniin Oromoon ta’uurraa gara gochaatti hin ceene taanaan injifannoo fulla’insa qabu fiduu hin danda’u jedhan.

Oromoon ta’uurraa gara gochuutti cee’uutu irra jiraata jedhan.

Oromoon tokko ta’uun aarsaa barbaachisu hunda yoo kanfalle sabboonummaan Oromoo ta’uurraa gara gochuutti karaa guutuu ta’een lafa qabata jechuun ibsaniiru.

Oromoon yeroo ammaa ta’uu irra darbee gara gochaatti ce’ee jiras jedhaniiru. Kun ammoo waan gurguddaa sadiin ibsama:
Inni jalqabaa Oromoon barachuu qaba, barnootaafi teeknoloojii dhimma du’aaf jireenyaa godhee fudhachuu qaba. Aarsaa kamuu keessatti dhimmi barnootaaf teeknoloojii sekoondii tokkoofillee dagatamuu akka hin qabne ibsaniiru.

Oromoon cimee hojjetee dinagdeedhaan saba cimaa ta’uutu irra jiraata. Kanarratti Oromoon hundi garaagarummaa tokko malee ija isaa diinagdee irraa buqqisuu hin qabu jedhaniiru.

Oromoon Gandaa kaasee hanga Federaalaatti fedhiifi faayidaa isaa karaa haqa qabeessa ta’een itti mirkanaa’u, mirgi dhala namaa, sirni dimokiraasii keessatti lafa qabatu sirna cimaa qabaachuu akka qabu Pireezidaanti Shimallis ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.