Fana: At a Speed of Life!

Siwiidiin deeggarsa namoomaaf kan oolu Doolaara miiliyoona 4 ol Ityoophiyaaf deeggarsa taasiifte

Finfinnee, Caamsaa 20, 2013 (FBC) – Siwiidiin sosochii deeggarsa namoomaa Ityoophiyaatti taasiifamaa jiru tumsuuf Doolaara miiliyoona 4.77 deeggarsa taasiisuu ibsameera.
Biyyattiin kutaalee Ityoophiyaa garaagaraatti lammiilee deeggarsa namoomaa haalan barbaadan utubuuf deeggarsa taasiisuu Ityoophiyaatti Imbaasiin Siwiidiin beeksiseera.
Deeggarsichi gama Dhaabbata Fannoo Diimaa Idil Addunyaa fi UNICEF kan taasiifame yoo ta’e, waliigala meeshaalee Doolaara miiliyoona 4.77 baasu ta’uu ragaan Ityoophiyaatti Imbaasii Siwiidiinirraa argame ni muul’isa.
Siwiidiin bara Faranjootaa 2021 qofa deeggarsa Doolaara miiliyoona 27 baasu taasisuu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.