Fana: At a Speed of Life!

Sochiin paarkiiwwan indaastirii jajjabeessaadha-Miseensota Mana Maree Dhimma Daldala Alaa Ameerikaa

Finfinnee, Bitootessa 12, 2015 (FBC)- Sochiiwwan hojii paarkiiwwan indaastirii jajjabeessaa ta’uu Miseensonni Mana Maree Dhimma Daldala Alaa Ameerikaa ibsan.

Ityoophiyaatti Gareen Miseensota Mana Maree Dhimma Daldala Alaa Embaasii Ameerikaa sochiiwwan hojii Paarkii Indaastirii Hawaasaa daawwataniiru.

Kaawunsilaroonni kunneen wayita daawwannichaatti addaan cituu carraa fayyadamumma ‘AGOA’n walqabatee rakkoolee mudatanirratti abbootii qabeenyaa paarkichaatti hojjetan waliin mari’ataniiru.

Paarkii Indaastirii Hawaasatti abbootiin qabeenyaa idil addunyaa 22 ol hojii invastimantii irratti bobba’anii hojjechaa akka jiranii fi lammiilee kuma 27 oliif carraa hojii uumuu ragaan Koorporeeshiinii Misooma Paarkiiwwan Indaastiriirraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.