Fana: At a Speed of Life!

Sudaan Hidha Haaromsaa akka deeggartu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Sudaan himan

Finfinnee, Gurraandhala 21, 2012 (FBC) – Sudaan Hidha Haaromsaa akka deeggartu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Sudaan Amaasaaddar Abdel Bilaal Abdelsalaam himan.
 
Mariiwwan biyyoonni sadeen mari’atan Sudaan Gibts deeggarteetti jechuun oduu miidiyaaleen gabaasan Amaasaaddar Abdel Bilaal Abdelsalaam fudhatama hin qabu jedhan.
 
Oduu dharaa miidiyaalee hawaasaa fi Miidiyaalee Idilee tamsaasan kunneen teessoon isaanii Gibts akka ta’an himaniiru.
 
Sudaan Dhimma hidha haaromsarratti waldeeggarsi yeroo hundayyu barbaachisaa ta’uutti amanti, biyyisaanii Hidhi Haaromsaa dhiibbaa hin geessisu amantaa jedhu qabdii jedhaniiru.
 
Garaagarummaan muraasni jiru akka furamu abdii qabaachuu eeraniiru.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.