Fana: At a Speed of Life!

Sudaanii fi Ityoophiyaan tumsa damee nageenyaa fi raayyaa ittisaarratti waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Amajjii 11, 2012 (FBC) –Sudaanii fi Ityoophiyaan tumsa damee nageenyaa fi raayyaa ittisaarratti waliin hojjechuuf waliigalan.

Sudaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Shifarraa Jaarsoo fi hoggansi Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI, ministira Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Sudaan Leetanaal Janaraal Gamaal El -Diin Oomar Mahaammad Ibraahiim waliin mari’ataniiru.

Turmaata isaanitiin tumsa raayyaa ittisaa, nageenya daangaa fi koontiroobaandii to’achuurratti waliin hojjechuuf waliigalaniiru.

Faayidaa waloo Ityoophiyaa fi Sudaan kabachiisuuf tumsaan hojjechuurratti mari’ataniiru.

Tumsaan hojjechuun qabeenya biyyoota lamaanii qusannaan fayyadamuuf ga’ee olaanaa qaba jedhameera.

Ityoophiyaan nagaa fi tasgabbiin Sudaan akka cimu, Ameerikaan biyyattiin garee shororkeessitootaa ni deeggartiin biyyoota tarreeffatte keessaa akka baatu ga’eeshee ni ba’attis jedhaniiru ambaasaaddarichi.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.