Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila damee baankii adeemsaan dorgommii idil-addunyaatiif banuun, baankonni dandeettii isaanii cimsachaa akka deemaan hojjechuun barbqachisaadha – Abbee Saannoo

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC) – Baankonni dandeettii isaanii akka cimsatan tajaajila baankii biyya keessaa suuta suutaan dorgommii idil-addunyaatiif banaa taasiisuuf hojjechuun murteessaa ta’uu Preezidaantiin Baankii Daldalaa Ityoophiyaa obbo Abbee Saanoon ibsaniiru.

Baankonni biyya keessaa dorgommii humnaa ol ta’een gabaa ala akka hin taane dameen tajaajilaa baankii gabaa addunyaaf cufaa ta’ee turuun ni yaadatama.

Tajaajila damee baankii gabaa addunyaaf cufaa taasiisuun dandeetti baankilee biyya keessaa ijaaruun kan hin danda’amne ta’uu obbo Abbeen eeraniiru.

Tajaajilli kun cufamee turuun guddina baankilee biyya keessaa kan quucarsu ta’uu dubbataniiru.

Faallaa kanaan tajaajila baankii addunyaa gabaa ol taasiisuun banuunis baankonni biyya keessa akka liqimfaman taasisuu danda’a jedhan.

Dandeettiin baankotaa kan cimu gabaa cufuun osoo hin taane, sirna dorgommii giddu galeessa ta’e diriirsuutu furmaata ta’a jechuun himaniiru.

Tajaajila baankii suuta suuta gabaa idil addunyaaf banaa taasiisuun dandeettii isaanii akka cimsatan hojjechuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.