Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila Kaadaastaraarraa galiin Birrii Biiliyoona 4 olii walitti qabame

Finfinnee, Ebla 15, 2016 (FBC)- Eejensiin Ragaalee fi Galmeessa Qabiyyee Lafaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee baatiiwwan saglan darban tajaajila kaadaastaraarraa galiin Birrii biiliyoona 4 walitti qabamuun ibsame.

Daayrektarri Tajaajila Galmeessaa Ragaalee Qabiyyee Ejensichaa Yohaannis Muusaa akka ibsanitti, galichi waajjiraalee damee isaa 10’tti tajaajiloota kennamaniin kan walitti qabameedha.

Ejensichi tajaajilamtoota kuma 96 ol keessummeessuun galii Birrii biiliyoona 4 fi miiliyoona 524 fi kuma 923 ol walitti qabuuf karoorfamee, tajaajilamtoota kuma 89’tti dhiyaatan keessummeessuun Birrii biiliyoona 4 fi miiliyoona 177 fi kuma 779 ol walitti qabuun danda’ameera jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.