Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilichaarraa galiin Birri biiliyoona 1.29 argame

Finfinnee, Amajjii 9, 2016 (FBC)-Tajaajila galmeessaa fi mirkaneessaarraa galiin Birrii biiliyoona 1.29 argamuu Tajaajilli Galmeessaa fi Mirkanaeessa Ragaalee beeksise.

Tajaajilichi dhimmoota kuma 496 fi 359 keessummeessuun galichaa argamsiisuu akka danda’e beeksiseera.

Hoji Raawwachiisaan Quunnamtii Ummataa fi Kominikeeshinii Alamsheet Mashashaa akka ibsanitti, bara baajataa 2016 baatiiwwan ja’an darbanitti dameewwan tajaajilichaa garaagaraan galii Birrii miiliyoona 932.5 argachuuf karoorfame galiin Birrii biiliyoona 1.29 argamuu dubbataniiru.

Gama biraatiin tajaajilli oonlaayinii kuma 374 fi 951 kennamuu FBC’f ibsaniiru.

Baatiiwwan ja’an darban tajaajilichi guyyaatti namoota kuma 6 ol beellama malee keessumeessuu Obbo Alamsheet eeraniiru.

Tajaajila Galmeessaa fi Mirkaneessa Ragaaleen walqabatee yakkoota raawwataman ittisuuf Poolisii Naanoolee, Federaalaa fi Magaalaa Finfinnee akkasumas qaamolee haqaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.