Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilichi qaamoleen karaa seeraan alaa maallaqa daddabarsan gochaasaaniirraa akka of qusatan yaadachiise

Finfinnee, Fulbaana 16, 2015(FBC)- Qaamoleen karaa seeraan alaa maallaqa daddabarsuu irratti bobba’an gochaa isaaniirraa akka of qusatan Tajaajilli Nageenya Maallaqaa FDRI yaadachiise.

Tajaajilichi dhimmicharratti ibsa baaseen, qaamoleen tokko tokko daddabarsa maallaqaa seera qabeessa daheeffachuun gocha maallaqa daddabarsuurratti bobba’anii jiraachuu beeksiseera.

Gochaan isaanii sharafa alaa biyyattiin madden garaagaraarraa argachuu qabdu dhabsiisuun sharafa alaa biyyoota alaatti hambisuun yakka maallaqaa ta’uu eereera.

Teessoo isaanii Ityoophiyaa ala taasisuun deeggartoota isaanii biyya keessaa waliin ta’uun sharafa alaa karaa seera qabeessa gara biyyattii seenuu qabu biyyoota alaatti hambisuun kaffaltii Birrii Ityoophiyaan kan raawwatan ta’uu ibsameera.

Keessumaa qaamoleen Adoolis, Shaggee, Salaamfi Reedsii jedhaman gochicharratti hirmaachuufi sharafa alaa baankilee Ityoophiyaaf waan ergan fakkeessuuniifi nagahee sobaa qopheessuun itti fayyadamuun hanqinni sharafa alaafi qaala’iinsi jireenyaa akka hammaatu taasisaa jiraachuu eerameera.

Tajaajilichi qaamolee daddabarsa maallaqaa seeraan alaa irratti bobba’an dabalatee yakkoota maallaqaa  raawwatan seeraan akka gaafatamaniif hojii qaamolee dhimmamtootaa biyya keessaafi alaa waliin hojjechaa jiru cimsee kan itti fufu ta’uu ibsameera.

Haaluma kanaan qaamoleen beekaniis ta’e osoo hin beekiin hirmaattota gochichaa ta’an gocha isaaniirraa akka ofqusatan tajaajilichi yaadachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.