Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli Galaanaa fi Loojastiiksii Ityoophiyaagalii Birrii biiliyoona 25 ol argate

Finfinnee, Hagayyaa 7, 2012 (FBC) – Tajaajilli Galaanaa fi Loojastiiksii Ityoophiyaa bara baajatichaatti galii Birrii biiliyoona 25 ol argachuusaa beeksise.

Proojaktoota eegalaman xumuruun proojaktoota haaraa jalqabuuf hojjetamaa jiraachuunis ibsameera.

Bara baajataa 2011 galii Birrii biiliyoona 18.7 sassaabuusaa hoji raawwachiisaa olaanaan dhaabbatichaa obbo Roobaa Magarsaan ibsaniiru.

Bara baajataa xumurame kanatti dhaabbatichi tajaajila fee’isa meeshaalee gara biyya keessaa galfamanii fi alergii toonii miiliyoona 11 laachuu ibsaniiru.

Bara baajataa 2013tti toonii miiliyoona 12.3 deddeebisuun, Birrii biiliyoona 37 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.