Fana: At a Speed of Life!

Tamsaasni kallattii Teeleeviizhiinii fi moggasni dorgommii Priimeyar Liigii Ityoophiyaa Doolaara miiliyoona 22.5nitti gurgurame

Finfinnee, Fulbaana 27, 2013 (FBC) – Tamsaasni kallattii Teeleeviizhiinii fi moggasni dorgommii Priimeyar Liigii Ityoophiyaa Doolaara miiliyoona 22.5nitti gurguramuu Koomishinnin Ispoortii Ityoophiyaa beeksise.
 
Sheer Kaampaaniin Priimeyar Liigii Ityoophiyaa tamsaasa kallattii Teeleeviizhiinii fi moggasa dorgommii Priimeyar liigichaa caalbaasiin gurguruuf dhaabbilee garaagaraa dorgomsiisaa tureera.
 
Haaluma kanaan ‘Maltii Chooyz’ Ityoophiyaan Prooppoozaalaa teeknikaa fi Faayinaansii dhiyeesseen dorgommii Liigichaa ‘DSTV’ akka tamsaasu filatamuu ibsameera.
 
Waggoottaan shanan dhufaniif liigicha kallattiin tamsaasuu fi moggaasa dorgommichaa Doolaara miiliyoona 22.5 bitateera.
 
Dabalataan leenjii ijaarsa dandeettii, Proodaakshinii, baasii yeroo qilleessaa fi bu’uraalee misooma ‘ICT’ tiif Doolaara miiliyoona 45.5 baasii kan godhu ta’uu beekkameera.
 
Waliigala waggoottan shanan dhufan keessatti Doolaara miiliyoona 68 baasii gochuuf caalbaasicha moo’ateera.
 
Dhaabbatichi guyyoota muraasa keessatti Kaampaanii liigichaa waliin waliigaltee mallatteessuun gara hojiitti kan galu ta’uu ibsameera.
 
Dorgommiin Priimeyar Liigii Kubaa Miilaa dhiirootaa Ityoophiyaa Muddee 3, 2013 ni eegalama.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.