Fana: At a Speed of Life!

Taphni darbii Oromiyaa booru ni gaggeeffama

Finfinnee, Muddee 24, 2012 (FBC) – Priimiyar Liigii Ityoophiyaa tapha torbee 6ffaa guyyaa boruutin darbiin Oromiyaa magaalaa Adaamaatti ni gaggeeffama.

Taphoota shan taphachuun priimiyar liigichaan sadarkaa 5ffaa irratti kan argamu gareen kubbaa miilaa magaala Adaamaa, taphoota walfakkaatu taphachuun sadarkaa 10 irratti kan argamu Abbaa Jifaar ni keessummeesa.

Taphni darbii Oromiyaa kun booru sa’aatii 9:00 irraa eegaluun Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaa Adaamaatti ni gaggeeffama.

Gareen lamaanuu taphoota marsaa shan taphataniin qabxii tokko qofaan walcaalu.

Adaamaan torbee darbe Shiree Indaasillaasee waliin tokko qixa yoo ba’u, Abbaan Jifaar ammoo Qidduus Giyoorgiis 2-1 injifachuun kan yaadatamudha.

Liigiicha gareen kubbaa miilaa Walwaaloo Aaddegiraat qabxii 10niin dursaa jira.

Marsaa 6ffaa priimiyar liigiichaa har’aa eegaluun taphoonni 8 kan taphataman ta’uu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa irraa argame ni agarsiisa.

Liigiicha gareen kubbaa miilaa Walwaaloo Addagiraat qabxii 10niin dursaa jira.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.