Fana: At a Speed of Life!

Taphni Jarmanii fi Koostaarikaa gidduutti taphatamu murteessitoota dubartootaan qofa durfama

Finfinnee, Sadaasa 22, 2015 (FBC) – Taphni Waancaa Addunyaa har’a Jarmanii fi Koostaarikaa gidduutti taphatamu murteessitoota dubartootaa qofaan kan durfamu ta’uu ibsameera.

Kunis seenaa tapha kubbaa miilaa addunyaa keessatti isa jalqabaa ta’uu eerameera.

Tapha Jarmanii fi Koostaarikaa gidduutti har’a galgala taphatamurratti haati murtee idil addunyaa lammiin Faransaay Isteefaanii Firaapaart murteessituu olaantuu ta’uun kan taphachiisan ta’uu Federeeshiniin Waldaalee Kubbaa Miilaa Idil-addunyaa beeksiseera.

Lammiin Biraazil Neewuzaa Baak fi lammiin Meeksikoo Kaaran Diyaaz ammoo gargaartota Firaapaart ta’uun kan taphachiisan FIFAn fuula tiwiitarii isaan himeera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.