Fana: At a Speed of Life!

Taphoota guutuu Afrikaa 13ffaarratti Atleetonni Itiyoophiyaa 149 ni hirmaatu

Finfinnee, Guraandhala 22, 2016 (FBC)- Taphoota guutuu Afrikaa 13ffaa Gaanaa Akiraatti gaggeeffamurratti Atileetonni Itiyoophiyaa 149 kan hirmaatan ta’uu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksise.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Masfiin Charinnat, taphoonni guutuu Afrikaa, Afrikaanota obboloota walitti fiduu cinaatti waltajjii aadaa fi ispootiin Itiyoophiyaa irratti beeksifamuudha jedhan.

Waltajjichi dippiloomaasii Ispoortii cimsuuf meeshaa olaanaa ta’uu eeruun, Itiyoophiyaan dameewwan hundaan hirmaannaa sadarkaa Afrikaattis ta’e addunyaatti qabdu kan guddisu ta’uu eeraniiru.

Taphoota guutuu Afrikaarratti gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa qabxii garii argamsiisan kan eegamu ta’uu dubbataniiru.

Taphichis Guraandhala 29 hanga Bitootessa 13, 2016’tti Gaanaa Akiraatti kan gaggeeffamu ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.