Fana: At a Speed of Life!

Taphoota Piriimaayeer Liigii Ityoophiyaa torbee 23ffaan Walaayittaa Diichaa fi Adaamaan qabxii qooddatan

Finfinnee, Eebla 30, 2015 (FBC) – Taphni Beetkiingii Piriimaayeer Liigii Ityoophiyaa torbee 23ffaan har’a waaree booda Walaayittaa Diichaa fi Adaamaa gidduutti taphatame goolii 1 walqixa xumurameera

Adaamaaf daqiiqaa 65ffarratti Yooseef Taarraqanyi goolii tokko yoo lakkoofsi, Biiniyaam Fiqiruun daqiiqaa 82ffaarratti Walaayittaa Diichaaf goolii tokko galchuun taphichi qixaan xumurameera.

Piriimaayeer Liigicha Qidduus Giyoorgis qabxii 51 yoo dursu Magaalaan Bahirdaar qabxii 44 itti aana.

Adaamaan qabxii 32 sadarkaa 5ffaarratti argama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.