Fana: At a Speed of Life!

Taphoota Piriimayeer Liigii Ingilaandi torbee jalqabaa har’a taphatameen Tootanihaamii fi Cheelsiin morkattoota isaanii yoo injifatan Liivar Puul qixa ba’e

Finfinnee, Adoolessa 30, 2014 (FBC) – Taphoota Piriimayeer Liigii Ingilaandi torbee jalqabaa har’a taphatameen Tootanihaamii fi Cheelsiin morkattoota isaanii yoo injifatan, Liivar Puul qixa ba’eera.

Waaree booda taphni Fuulahaamii fi Liivar Puul gidduutti sa’aatii 8:30 irraa eegalee taphatamee goolii 2 qixaan xumurameera.

Tapha sa’aatii 11:00 irraaa eegalee tapha Tootanihaamii fi Saawuuzhampitoon gidduutti taphameen Tootanihaam goolii 4 fi 1n injifateera.

Galgala kana sa’aatii 1:30 irrattis taphni Eervartanii fi Cheelsii gidduutti gaggeeffamee goolii 1 fi 0n Cheelsiin injifateera.

Taphoota biroon Bournemouth 2- 0 Aston Villa,Leeds United 2 -1Wolverhampton Wanderers,Newcastle United 2- 0 Nottingham Forest injifataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.