Fana: At a Speed of Life!

Tatamsa’inni vaayrasii koroonaa ariitiin itti fufeera

Finfinnee, Bitootessa 16, 2012 (FBC) – Tatamsa’inni vaayrasii koroonaa ariitiin itti fufuun sadarkaa hammaatarra ga’eera jedhame.
 
CNN tamsaasa isaa kallattiin akka gabaaseetti hanga ganama har’aatti namoonni kumni 18 fi 919 du’aniiru.
 
Xaaliyaanitti qofa namoota kuma 70 qabaman keessaa namoonni kumni 7 du’aniiru jedhame.
 
Biyyattiitti guyyaa kaleessaa qofa namoonni 743 dhibee kanaan du’aniiru.
 
Ameerikaatti torbee muraasa keessatti namoonni kumni 55 ol yoo qabaman namoonni 703 du’aniiru.
 
Addunyaarratti waliigala namoonni Vaayrasii koroonaan qabaman kuma dhibba 4 fi kuma 23 fi 121 irra ga’uu ibsameera.
 
Namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 8 fi 619 ammoo dhibicharraa fayyaniiru jedhame.
 
Waliigala biyyoota addunyaa 170 keessatti muul’ateera.
 
Hanga ammaatti biyyoota Afrikaa 43 keessatti namoonni kumni 2 vaayrasii koroonaan qabamaniiru.
 
Kufaatii diinagdee ga’e baraaruuf Ameerikaan Doolaara Triiliiyoona 2 ramaddeerti.
 
Baajanni ragga’e kun dhaabbilee tola ooltotaa, daldalaa fi tajaajila fayyaaf oola jedhame.
 
Maddi:- CNN fi CGTN
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.